Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yeroo harʼaa fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?Akkamitti Itti Fayyadamna?

Yeroo harʼaa fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?Akkamitti Itti Fayyadamna?

Birooshurri Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi? jedhamu, jalqaba ykn xumura qoʼannaa irratti baratichaa wajjin akka irratti mariʼannuuf yaadamee kan qophaaʼe dha. * Barumsi 1 hanga 4 barattoonni namoota akkamii akka taane akka beekan, barumsi 5 hanga 14 sochiin keenya maal akka fakkaatu akka baratan, barumsi 15 hanga 28 irratti argamu immoo jaarmiyaan keenya maal akka raawwatu akka hubatan kan gargaaru dha. Wanti addaa irratti mariʼachuu barbaaddan yoo jiraate malee, barumsawwan hunda duraa duubaan utuu qoʼattanii gaarii taʼa. Barumsi hundi fuula tokko tokko qofa waan qabuuf, barattoota hedduu daqiiqaa shanii hanga kudhanii gidduutti qoʼachiisuun ni dandaʼama.

  • Baratichi gaaffii mata duree barumsichaa irratti akka xiyyeeffatu godhi

  • Barumsicha al tokkotti ykn keeyyata keeyyataan hiraa dubbisaa

  • Wanta dubbistan irratti mariʼadhaa. Gaaffiiwwan miiljalee irratti argaman fi fakkiiwwan irratti mariʼadhaa. Caqasawwan kennaman akka barbaachisummaa isaatti dubbisaa irratti mariʼadhaa. Mata dureewwan xixiqqaan qubee fufurdaadhaan barreeffaman gaaffiiwwan mata duree guddaa irratti argamaniif deebii kan taʼan akkamitti akka taʼe ibsi

  • Barumsicha keessatti saanduqni “Caalaatti Baradhu” jedhu kan argamu yoo taʼe walii wajjin dubbisaa; akkasumas baratichi yaadawwan achi keessatti argaman hojii irra akka oolchu jajjabeessi

^ KEY. 3 Birooshurri inni yeroo dhihootti haareffame Intarneetii irraa argama.