Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Waaqayyoon Dhaggeeffadhu—Akkamitti Itti Fayyadamna?

Waaqayyoon Dhaggeeffadhu—Akkamitti Itti Fayyadamna?

Birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu kan qophaaʼe, namoota akka gaariitti dubbisuu hin dandeenye dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu fakkiidhaan akka baratan gargaaruufi dha. Barumsi hundi fuula lama kan qabuu fi fakkiiwwan of eeggannaadhaan qophaaʼan kan qabate dha; xiyyawwan fakkiiwwan biratti argaman duraa duuba ittiin fakkiiwwan irratti itti mariʼachuu dandeessan isin hubachiisu.

Birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamu fakkii birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu irratti argamuu wajjin wal fakkaatu kan qabu taʼus, barreeffamoota dabalataa waan qabuuf namoota dubbisuu dandaʼan ittiin qayyabsiisuu dandeenya. Babalʼistoonni yommuu qoʼannaa geggeessan, baratichi birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamutti akka fayyadamu gochuu, ofiif immoo birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamutti fayyadamuu dandaʼu. Fuulawwan hedduu irratti saanduqawwan odeeffannoo dabalataa qabatan waan jiraniif dandeettii baratichaa tilmaama keessa galchuudhaan irratti mariʼachuu dandeessu.

Jiʼa sanatti kan raabsamu barreeffamoota kan biraa yoo taʼe illee, birooshura kana lamaan yeroo kamitti iyyuu raabsuu dandeessu. Qoʼannaa yommuu geggeessitan seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman ibsuuf fakkiiwwan birooshuroota kana keessatti argamanitti fayyadamaa. Baratichi akka irratti hirmaatu jajjabeessaa; akkasumas wanta barachaa jiru hubachuu isaa mirkaneeffachuuf gaaffiiwwanitti fayyadamaa. Caqasawwan miiljalee fuula hundaa irratti argaman dubbisaa irratti mariʼadhaa. Birooshuricha erga xumurtanii booda kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? ykn Kitaabni Qulqulluu Maal Nu Barsiisa? jedhamuun qoʼannaa itti fufuu dandeessu.