Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ERMIYAAS 12-16

Israaʼeloonni Yihowaa Irraanfatan

Israaʼeloonni Yihowaa Irraanfatan

Yihowaan, Ermiyaas hojii ulfaataa of tuulummaa fi of bobbokoksuu, Yihudaa fi Yerusaalem balleessuuf akka murteesse fakkeenyaan ibsu akka raawwatuuf isaaf kennee ture.

Ermiyaas sabbata quncee talbaa irraa hojjetame bitate

13:1, 2

  • Akkuma sabbanni mudhii namaatti maxxanu, sabni Israaʼelis akka fakkeenyaatti Yihowaatti maxxanee ture

Ermiyaas sabbaticha fudhatee gara Laga Efraaxiis dhaqe

13:3-5

  • Sabbaticha erga holqa dhagaa kattaa keessa dhoksee booda Yerusaalemitti deebiʼe

Ermiyaas sabbaticha fiduuf deebiʼee gara Laga Efraaxiis dhaqe

13:6, 7

  • Sabbatichi bososee ture

Yihowaan, Ermiyaas hojii isaaf kenname erga xumuree booda hiika wanta kanaa isaaf ibse

13:8-11

  • Carraaqqiin Ermiyaas buʼaa kan hin qabne fakkaatus, garaa guutuudhaan ajajamuun isaa carraaqqii Yihowaan garaa saba isaa tuquuf godhe irratti Ermiyaas gumaacha ol aanaa akka qabaatu godheera