Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Maatiin Keessan Yihowaa Akka Yaadatu Gargaaraa

Maatiin Keessan Yihowaa Akka Yaadatu Gargaaraa

Ermiyaas, Yihudoonni Waaqa isaanii Yihowaa irraanfachuun isaanii badiisa akka isaanitti fidu akka isaan akeekkachiisuuf itti gaafatamummaan isaaf kennamee ture. (Er 13:25) Sabichi karaa hafuuraa haala gaddisaa akkasii keessa galuu kan dandaʼe akkamitti? Maatiiwwan Israaʼel karaa hafuuraa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban dhabanii turan. Kanaaf, mataawwan maatii qajeelfama Yihowaan Keessa Deebii 6:5-7 irratti kenne utuu hin hordofin akka hafan haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama.

Yeroo harʼaattis, maatiin karaa hafuuraa cimaa taʼe gumiin gabiidhaan akka jiraatu gochuu irratti shoora ol aanaa qaba. Mataawwan maatii Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa fi gammachiisaa taʼe gochuudhaan maatiin isaanii Yihowaa akka yaadatu gargaaruu ni dandaʼu. (Far 22:27) Viidiyoo Dubbiin Kun Garaakee Keessa Haa Taaʼu’—Viidiyoo Gaafannoo Maatiiwwanii Wajjin Taasifame jedhamu erga ilaaltanii booda, gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kennuuf yaalaa:

  • Maatiiwwan tokko tokko Waaqeffannaa Maatii wajjin haala wal qabateen rakkoowwan baramaa taʼan moʼuu kan dandaʼan akkamitti?

  • Sagantaan Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa fi gammachiisaa taʼe jiraachuun isaa faayidaa akkamii qaba?

  • Waaqeffannaa Maatii wajjin haala wal qabateen haala rakkisaa akkamiitu na mudachuu dandaʼa? Tarkaanfiiwwan akkamiin fudhachuu dandaʼa?