Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jaalala Waaqayyoo fi Namootaaf Qabnu Guddifachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Jaalala Waaqayyoo fi Namootaaf Qabnu Guddifachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Kiristiyaanonni Seera Musee jala jiraachuu baatanis, ajajawwan guguddaan achi keessa jiran lamaan wanti Yihowaan nu irraa barbaadu, Waaqayyoon jaallachuu fi namoota jaallachuu akka taʼe walitti qabanii ibsu. (Mat 22:37-39) Jaalalli akkasii dhaalaan kan argamu miti. Guddifachuuf carraaquu qabna. Akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni guddaan, guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dha. Amalawwan Waaqayyoo adda addaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman yommuu qorru, “gaarummaa Waaqayyo” hubanna. (Far 27:4) Kun immoo, jaalalli isaaf qabnu akka guddatuu fi ilaalchi keenya caalaatti kan isaa akka fakkaatu godha. Kunis ajaja namoota kaaniif jaalala fedhii ofii aarsaa godhu akka argisiisnu nuu kenname dabalatee, ajajawwan Waaqayyoo raawwachuuf nu kakaasa. (Yoh 13:34, 35; 1Yo 5:3) Yaadawwan dubbisa Kitaaba Qulqulluu caalaatti gammachiisaa taasisan sadii armaan gaditti ibsamaniiru:

  • Dandeettii yaadaan ilaaluu fi qaamota miiraa keessanitti fayyadamaa. Bakkuma sana akka jirtan godhaa yaadaa. Wanti argitan, dhageessanii fi fuunfattan maali dha? Miirri namoota seenaa sana keessatti ibsamanii maal taʼuu dandaʼa?

  • Akkaataa itti dubbistan jijijjiiraa. Filannaawwan kanatti fayyadamuu dandeessu: Sagalee ol kaasaa dubbisaa ykn isa sagaleedhaan waraabame dhaggeeffachaa kitaaba irraa hordofaa. Boqonnaa hedduu walitti aansitanii dubbisuu mannaa, waaʼee nama Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame tokkoo ykn dhimma tokkoo filadhaa dubbisaa. Fakkeenyaaf, waaʼee Yesuus dubbisuuf buukleetii Barreeffama Dubbii Waaqayyoo Qayyabachuuf Gargaaru (sgd ) jedhamu irraa Kutaa 4 ykn Kutaa 16⁠tti fayyadamuu dandeessu. Boqonnaa caqasni guyyaa irraa fudhatame guutummaa isaa dubbisaa. Kitaaba Qulqulluu tartiiba ittiin barreeffameen dubbisaa.

  • Wanta dubbistan hubachuuf yaalaa. Irra fiiganii boqonnaa hedduu dubbisuu mannaa, guyyaatti hubannaadhaan boqonnaa tokkitti dubbisanii irratti xiinxaluun faayidaa guddaa qaba. Yoomessa isaa irratti yaadaa. Wantoota achi keessatti ibsaman gad fageenyaan qoraa. Kaartaa fi caqasoota wal fakkaatanitti fayyadamaa. Wanta isiniif hin gallee keessaa yoo xinnaate tokko irratti qorannaa godhaa. Yoo dandaʼame, dubbisuufis taʼe irratti xiinxaluuf yeroo wal qixxee taʼe ramadaa.