Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barattoonni Keenya Akkamitti Akka Qophaaʼan Leenjisuu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barattoonni Keenya Akkamitti Akka Qophaaʼan Leenjisuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kan qophaaʼan yoo taʼe, akka gaariitti hubachuu fi wanta nuti isaan barsiisnu yaadachuu dandaʼu. Caalaatti hubachaa fi yaadachaa yommuu deeman immoo, guddinni isaaniis hammasuma saffisaa deema. Erga cuuphamanii booda illee, ‘dammaqinaan eeguuf,’ walgaʼiiwwanii fi tajaajilaaf qophaaʼuu isaan barbaachisa. (Mat 25:13) Kanaaf, akkamitti akka qoʼatan beekuun isaanii fi barsiifata qoʼannaa gaarii qabaachuun isaanii guutummaa jireenya isaanitti isaan fayyada. Jalqabumaa kaasee, barattoonni keenya barsiifata qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isaaniitiif qophaaʼuuf qaban akka guddifatan isaan gargaaruu qabna.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Fakkeenya gaarii taʼaa. (Rom 2:21) Qoʼachiisuuf yommuu qophooftan hundatti baraticha sammuutti qabachuudhaan qophaaʼaa. (km 11/15 3) Barreeffamni ittiin qoʼachiistan kan jala sararame taʼuu isaa itti argisiisaa

  • Akka qophaaʼu isa jajjabeessaa. Takkaa qoʼannaan erga jalqabamee booda, qophiin kutaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu taʼuu isaa fi kana gochuun isaa faayidaa akkamii akka qabu akka beeku godhaa. Qophaaʼuuf yeroo argachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe yaada hojiirra ooluu dandaʼu isaaf kennaa. Barsiisonni tokko tokko, yommuu qoʼannaatti barataan isaanii faayidaa qophaaʼuun qabu akka hubatu gargaaruuf, barreeffama barsiisaa isaanii isa jala sararametti akka fayyadamu godhu. Yommuu inni qophaaʼus isa galateeffadhaa

  • Akkamitti akka qophaaʼu isatti argisiisaa. Barsiisonni tokko tokko, jalqaba irratti yeroo qoʼatan guutummaa isaa barataan isaanii barumsa tokko akkamitti akka qophaaʼu itti argisiisuuf itti fayyadamu