Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAATEWOS 25

“Dammaqaa Eegaa”

“Dammaqaa Eegaa”

25:1-12

Fakkeenyi Yesuus waaʼee durboota kurnanii dubbate kallattiidhaan duuka buutota isaa warra dibamoo kan ilaallatu taʼus, ergaan isaa Kiristiyaanota hundaaf kan hojjetu dha. (w15 3/15 12-16) “Egaa isinis, guyyichas taʼe saʼaaticha waan hin beekneef dammaqaa eegaa.” (Mat 25:13) Fakkeenya Yesuus dubbate ibsuu ni dandeessaa?

  • Dhirsa misirroo (lakk. 1)—Yesuus

  • Durboota abshaalota qophaaʼoo taʼan (lakk. 2)—Kiristiyaanota dibamoo hojii isaaniif kenname amanamummaadhaan raawwachuuf qophaaʼanii fi hamma dhumaatti akka ibsitoota ifaa ibsan (Flp 2:15)

  • Sagalee guddaa, “Kunoo, misirrichi dhufaa jira!” jedhu (lakk. 6)—Ragaa argamuu Yesuus mirkaneessu

  • Durboota gowwaa (lakk. 8)—Kiristiyaanota dibamoo Dhirsa Misirroo simachuuf kan baʼan taʼus, dammaqoo fi amanamoo utuu hin taʼin hafan

  • Durboota abshaalota zayitii isaanii hiruu didan (lakk. 9)—Chaappaa isa dhumaa booda, dibamtoonni amanamoo taʼan warra amanamoo utuu hin taʼin hafan gargaaruu hin dandaʼan

  • “Dhirsi misirroo sun ni dhufe” (lakk. 10)—Yesuus murtoo dabarsuuf kan dhufu yeroo rakkinni guddaan xumuramuu jala gaʼutti dha

  • Durboonni abshaalonni dhirsa misirroo wajjin gara cidha gaaʼelaa sanatti seenan; balballis ni cufame (lakk. 10)—Yesuus dibamtoota isaaf amanamoo taʼan gara samiitti walitti sassaaba; warri amanamoo utuu hin taʼin hafan garuu, badhaasa samii irratti argatan ni dhabu