Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 QORONTOS 1-3

Ati Nama Foonii ti Moo Nama Hafuuraa Ti?

Ati Nama Foonii ti Moo Nama Hafuuraa Ti?

2:14-16

Hundi keenya iyyuu nama hafuuraa taʼuu fi gama kanaan guddina gochuu keenya itti fufuuf carraaqqii gochuun nu barbaachisa. (Efe 4:23, 24) Guddina gochuuf immoo karaa hafuuraa of sooruu, galmawwan hafuuraa baafachuu fi firii hafuuraa horachuu qabdu.

Haalli hafuuraa amma irra jirtu haala hafuura waggaa tokko dura, waggaa kudhan dura ykn yeroo cuuphamteetti turee wajjin yeroo wal bira qabamee ilaalamu maal fakkaata?