Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Xalayaa Akka Fakkeenyaatti Dhihaate

Xalayaa Akka Fakkeenyaatti Dhihaate
  • Teessoo keetti fayyadami. Teessoo kee barreessuun gaarii akka hin taane yoo sitti dhagaʼame, jaarsoliin yoo sii heyyaman teessoo Galma Walgaʼii fayyadamuu dandeessa. Haa taʼu malee, teessoo waajjira damee MATUMAA fayyadamuu hin qabdu.

  • Maqaa namicha yoo beekta taʼe itti fayyadami. Akkas yoo goote beeksisa daldalaa akka taʼetti akka hin yaadneef isa gargaara.

  • Dogoggora qubee kan hin qabne, seerlugnii fi sirni tuqaaleen isaa kan eegame taʼuu isaa mirkaneeffadhu. Xalayaan isaa qulqulluu taʼuu qaba. Harkaan kan barreeffamee yoo taʼe salphaatti kan dubbifamu taʼuu qaba. Jechoonni kee dantaa kan hin qabne akka taate kan argisiisan ykn goggogaa kan taʼan ykn ajaja kan fakkaatan taʼuu hin qaban.

Xalayaan akka fakkeenyaatti dhihaate wantoota kana kan ibsu dha. Kana jechuun garuu nama naannoo tajaajilaa kee keessa jiru tokkoof, xalayaa yeroo barreessitu hundatti xalayaa kana jechaa jechatti barreessita jechuu miti. Xalayaa kee kaayyoo, haala naannoo fi aadaa naannoo sanaa irratti hundooftee jijijjiiruu dandeessa.