Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Namoota Kitaaba Qulqulluu Qoʼachiistan Barsiisuuf Viidiyootti Fayyadamaa

Namoota Kitaaba Qulqulluu Qoʼachiistan Barsiisuuf Viidiyootti Fayyadamaa

Wantoonni ijaan argaman xiyyeeffannaa nama ilaalu sanaa harkisuudhaan wanta barate akka hubatuu fi akka yaadatu isa gargaaru. Yihowaan inni Barsiisaa Hunda Irra Caalu taʼe, barumsawwan barbaachisoo taʼan barsiisuuf wantoota ijaan argamanitti fayyadameera. (Uma 15:5; Er 18:1-6) Yesuus inni Barsiisaa Guddicha taʼes mala kanatti fayyadameera. (Mat 18:2-6; 22:19-21) Waggoota dhihoodhaa asitti wantoota ijaan argaman keessaa baayʼee buʼaa qabeessa kan taʼe viidiyootti fayyadamuu dha. Isin hoo namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistan barsiisuuf viidiyootti akka gaariitti fayyadamaa jirtuu?

Barumsawwan birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu barsiisuuf viidiyoowwan nu gargaaran kudhan qophaaʼaniiru. Mata dureewwan viidiyoowwan hundaa gaaffiiwwan birooshuricha irratti qubeewwan fufurdaadhaan barreeffaman keessaa isa tokkoo wajjin kan wal fakkaatanii dha. Birooshurri kun inni weeb saayitii keenya irra jiruu fi bifa elektirooniikiitiin qophaaʼe, liinkiiwwan tokkoon tokkoon viidiyoowwanii yoom argisiisuu akka qabnu nu yaadachiisan qabateera. Barreeffamoonni qoʼachiisuuf itti fayyadamnuu fi Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessatti argaman kaanis viidiyoowwan argisiisuu dandeenyu dabalataa kan qabatanii dha.

Namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistan wajjin mata dureewwan hubachuuf isaanitti ulfaatan irratti mariʼachaa jirtuu? Yookiin barataan keessan qorumsi adda taʼe tokko isa mudachaa jiraa? Viidiyoowwan isa gargaaran argachuuf jw.org® fi JW Broadcasting® keessaa barbaaduu dandeessu. Tarii waliin taatanii viidiyoowwan jiran keessaa tokko erga ilaaltanii booda irratti mariʼachuu dandeessu.

Jiʼa jiʼan viidiyoowwan haaraan ni baʼu. Yeroo viidiyoowwan kana ilaaltan warra kaan yommuu barsiistanitti akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessan irratti yaadaa.