Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 QORONTOS 4-6

‘Raacitii Xinnoon Guutummaa Bukichaa ni Bukeessa’

‘Raacitii Xinnoon Guutummaa Bukichaa ni Bukeessa’

5:1, 2, 5-11, 13

Gumiitii baasuun dhiphina guddaa kan geessisu utuma taʼee jiruu, qophii jaalala irratti hundaaʼe dha jedhamuu kan dandaʼu akkamitti?

Qophiin gumiitii baasuu . . .

  • maqaa Yihowaa isa qulqulluutiif ulfina kennuudhaan isaaf jaalala akka qabnu argisiisa.—1Ph 1:15, 16

  • dhiibbaa mancaʼaa irraa gumicha eeguudhaan gumichaaf jaalala akka qabnu argisiisa.—1Qo 5:6

  • namni cubbuu hojjete gara qalbii isaatti akka deebiʼu gargaaruudhaan nama sanaaf jaalala akka qabnu argisiisa.—Ibr 12:11

Miseensota maatii Kiristiyaanaa nama gumiitii baafame qabaniif deggersa gochuu kan dandeessan akkamitti?