Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ROOMAA 12-14

Jaalala Kiristiyaanummaa Argisiisuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

Jaalala Kiristiyaanummaa Argisiisuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

12:10, 17-21

Yeroo namni tokko jalʼina nu irratti raawwatu, jaalala Kiristiyaanummaa argisiisuun haaloo baʼuu dhiisuu qofaan kan daangeffamu miti. “Diinni kee yoo beelaʼe nyaachisi; yoo dheebote wanta dhugamu isaaf kenni; kana gochuudhaan barbadaa mataa isaa irratti tuulta.” (Rom 12:20) Nama jalʼina nu irratti raawwatetti gaarummaa argisiisuun namni sun gocha isaatti akka gaabbu gochuu illee ni dandaʼa.

Namni ati utuu hin beekiin miite tokko yeroo inni gaarummaadhaan sii deebisetti maaltu sitti dhagaʼaamee ture?