Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota Qaroo Dhabeeyyii Taʼaniif Lallabuu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota Qaroo Dhabeeyyii Taʼaniif Lallabuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Namoonni qaroo dhabeeyyii taʼan hedduun namoota hin beekne haasofsiisuuf bilisummaan isaanitti hin dhagaʼamu. Kanaaf namoota akkasiitiif dhugaa baʼuun dandeettii gaafata. Yihowaan namoota qaroo dhabeeyyii taʼan ni jaallata. (Lew 19:14) Nutis karaa hafuuraa isaan gargaaruuf dursa fudhachuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeenya.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Namoota qaroo dhabeeyyii taʼan “barbaadaa.” (Mat 10:11) Nama miseensi maatii isaa tokko qaroo dhabeessa taʼe beektuu? Naannoo tajaajilaa keessan keessatti manni barumsaa ykn dhaabbanni namoota qaroo dhabeeyyii taʼaniif kunuunsa kennu jiraa? Tarii namoonni kun barreeffamoota keenya isaaniif qophaaʼan argachuu barbaadu taʼa

  • Akka isaaniif yaaddan argisiisaa. Akka michuu tokkoottii fi karaa garaadhaa akka isaaniif yaaddan argisiisuun kan isaan haasofsiistan yoo taʼe bilisa taʼanii isin wajjin haasaʼuu dandaʼu. Mata duree namoota naannoo keessanii hawwatu tokko kaasuudhaan maree jalqabuuf yaalaa

  • Karaa hafuuraa gargaarsa isaaniif godhaa. Jaarmiyaan keenya namoota qaroo dhabeeyyii taʼaniif ykn akka gaariitti arguu hin dandeenyeef barreeffamoota bifa gara garaatiin qopheessaa jira. Kanaaf karaa kamiin barachuu akka barbaadan isaan gaafadhaa. Ilaaltuun ol aanaa tajaajilaa, obboleessi kutaa barreeffamootaa keessatti hojjetu namoota qaroo dhabeeyyii taʼaniif bifa isaan barbaadaniin barreeffamoota isaaniif ajajuu isaa mirkaneeffachuu qaba