Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 29-30

Yaaqoob Haadholii Manaa Fuudhe

Yaaqoob Haadholii Manaa Fuudhe

29:18-28

Yaaqoob gaaʼela godhachuu isaatiin kan kaʼe rakkina gara fuulduraatti isa irra gaʼu dursee beekuu hin dandaʼu. Raahelii fi Liyaan masaanuuwwan wal morkatan taʼaniiru. (Uma 29:32; 30:1, 8) Rakkinni akkasii jiraatus, Yaaqoob Yihowaan isa gargaaraa akka jiru hubateera. (Uma 30:29, 30, 43) Yeroo booda, sanyiiwwan isaanii saba Israaʼel taʼuu dandaʼaniiru.—Rut 4:11.

Yeroo harʼaattis namoota gaaʼela godhachuu filatan irra rakkinni ni gaʼa. (1Qo 7:28) Haa taʼu malee, Yihowaatti amanamuudhaanii fi qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan gaaʼela milkaaʼina qabuu fi gammachuu qabu qabaachuu ni dandaʼu.—Fak 3:5, 6; Efe 5:33.