Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Eenyuufaa Affeeruun Qaba?

Eenyuufaa Affeeruun Qaba?

Waggaa waggaadhaan namoonni naannoo keenyatti argaman nu waliin Ayyaana Yaadannoo irratti akka argaman affeeruuf carraaqqii adda taʼe goona. Isaan keessaa baayʼeen isaanii namoota nuti hin beekne dha. Namoota beeknus immoo affeeruu qabna. Yeroo baayʼee namoonni, namoota beekaniin affeeraman affeerraa sana irratti ni argamu. (yb08-E 11 key. 3; 14 key. 1) Namoonni affeeruu dandeenyu eenyu faʼi?

  • Firoota keenya

  • Namoota wajjin hojjennu ykn wajjin barannu

  • Ollaawwan keenya

  • Namoota deddeebii gaaffii goonuuf, namoota duraan qoʼachiisaa turree fi amma qoʼachiisaa jirru

Dabalataanis, jaarsoliin obboloota karaa hafuuraa qabbanaaʼan affeeruu dandaʼu. Namoonni isin beektan naannoo isin jiraattan hin jiran yoo taʼe hoo? Kutaa WAAʼEE KEENYA jedhuu fi fuula jalqabaa weebsaayitii keenya irratti argamu keessaa liinkii “Ayyaana Yaadannoo” jedhu jalaa naannoo namni beektan keessa jiraatu keessatti saʼaatii fi iddoo Ayyaanni Yaadannoo itti kabajamu argachuu dandeessu. Yeroo Ayyaana Yaadannoo waggaa kanaaf qophooftanitti, namoota affeeruu dandeessan adda baafadhaa, achiis waraqaa affeerrii kennaafii.