Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRAA ARGATTAN GUDDIFADHAA

Gammachuu Tajaajila Irraa Argattan Guddifadhaa—Gaaffii Gaafadhaa

Gammachuu Tajaajila Irraa Argattan Guddifadhaa—Gaaffii Gaafadhaa

Yihowaan inni “Waaqa gammadaa taʼe” tajaajila irraa gammachuu akka argannu barbaada. (1Xi 1:11) Hammuma dandeettii keenya fooyyeffachuuf carraaqnu gammachuun keenyas ni guddata. Gaaffii gaafachuun fedhii namaa kakaasa, akkasumas maree jalqabuun akka nutti salphatu godha. Gaaffii gaafachuun keenya namoonni wanta tokko irratti akka yaadan isaan kakaasa. (Mat 22:41-45) Nama tokko gaaffii isa gaafannee yeroo isa dhaggeeffannu, ‘Ati ana biratti iddoo guddaa qabda’ ergaa jedhu dabarsaa jirra. (Yaq 1:19) Deebiin namni sun kennu wanta mareen keenya irratti xiyyeeffachuu qabu beekuuf nu gargaara.

VIIDIYOO GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHAA—DANDEETTII KEESSAN FOOYYEFFADHAA—GAAFFII GAAFACHUUDHAAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Saaraan amalawwan gaggaarii kamfaa akka qabdu argisiisteetti?

  • Maartaan xiyyeeffannaa akka kennite argisiisuuf gaaffiitti kan fayyadamte akkamitti?

  • Maartaan fedhii Saaraa misiraachichaaf argisiiste guddisuuf gaaffiitti kan fayyadamte akkamitti?

  • Maartaan Saaraan dhimmicha irratti akka yaaddu gargaaruuf gaaffiitti kan fayyadamte akkamitti?