Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Fakkeenya Warra Amanamoo hin Taanee hin Hordofinaa

Fakkeenya Warra Amanamoo hin Taanee hin Hordofinaa

Qoraan, Daataanii fi Abiraam qophii Yihowaa irratti finciluudhaan isaaf amanamoo akka hin taane argisiisaniiru. Yihowaan finciltoota kana namoota isaan deggeran hundumaa wajjin balleesseera. (Lak 16:26, 27, 31-33) Haalawwan amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu qoruu dandaʼan kamfaʼi? Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu fakkeenya warra amanamoo hin taanee hordofuu irraa akka fagaannu nu gargaaran kamfaʼi?

VIIDIYOO FAKKEENYA WARRA AMANAMOO HIN TAANEE HIN HORDOFINAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Wanti Naadiyaatti qorumsa taʼe maali dha? Fakkeenyi akeekkachiisaa amanamummaa argisiisuuf ishii gargaare isa kami?

  • Wanti obboleessa aaree ture tokkotti qorumsa taʼe maali dha? Fakkeenyi akeekkachiisaa amanamummaa argisiisuuf isa gargaare isa kami?

  • Wanti Teraansitti qorumsa taʼe maali dha? Fakkeenyi akeekkachiisaa amanamummaa argisiisuuf isa gargaare isa kami?

  • Wanti mana barumsaatti obboleessa tokkotti qorumsa taʼe maali dha? Fakkeenyi akeekkachiisaa amanamummaa argisiisuuf isa gargaare isa kami?