Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA

Gammachuu Tajaajila Irratti Argattan Guddifadhaa—Dubbii Waaqayyootti Fayyadamaa

Gammachuu Tajaajila Irratti Argattan Guddifadhaa—Dubbii Waaqayyootti Fayyadamaa

Dubbiin Waaqayyoo humna qaba! (Ibr 4:12) Garaa namoota Waaqayyoon hin beekne illee tuquu ni dandaʼa. (1Ta 1:9; 2:13) Namni tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu itti himnee dinqisiifannaa akka qabu yommuu argisiisu baayʼee gammanna.

VIIDIYOO GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHAA—DANDEETTII KEESSAN FOOYYEFFADHAA—HUMNA DUBBIIN WAAQAYYOO QABU AKKA HUBATAN GARGAARUUDHAAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Maartaan gorsa Dubbii Waaqayyoo hordofuun sirrii taʼu isaa akka hubattu Saaraa gargaaruuf humna Dubbiin Waaqayyoo qabutti kan fayyadamte akkamitti?

  • Maartaan Saaraan caqasicha sagalee ishii ol kaastee akka dubbistu gochuudhaan, akkasumas yaada ijoo adda baastee caqasuudhaan humna Dubbiin Waaqayyoo qabutti kan fayyadamte akkamitti?

  • Caqasichi garaa Saaraa akka tuqe wanti argisiisu maali dha? Yeroo kanatti Maartaatti maaltu dhagaʼame jettee yaadda?