Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Michoota Keessan Ogummaadhaan Filadhaa

Michoota Keessan Ogummaadhaan Filadhaa

Wanti gammoojjii Moʼaab irratti Israaʼelota mudate Kiristiyaanotaaf fakkeenya akeekkachiisaa taʼa. (1Qo 10:6, 8, 11) Israaʼelonni dubartoota Moʼaab warra halalummaa raawwatanii fi waaqolii tolfamoo waaqeffatanitti michoomuun isaanii dogoggora cimaa raawwachuutti isaan geesseera. Kunis miidhaa guddaa geessiseera. (Lak 25:9) Yeroo harʼaattis namoonni wajjin hojjennu, ijoolleen wajjin barannu, olloonni keenya, firoonni keenyaa fi namoonni beeknu kaan hedduun Yihowaa hin waaqeffatan. Balaa namoota akkasiitti michoomuun qabu ilaalchisee seenaa Kitaaba Qulqulluu kana irraa maal baranna?

VIIDIYOO FAKKEENYA AKEEKKACHIISAA BARA KEENYAAF TAʼU—GABAABFAMEE KAN FUDHATAME JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Zimriinii fi namoonni kaan yaada dogoggoraa akkamii Yaamiinitti himaniiru?

  • Finahaas ilaalcha sirrii akka qabaatu Yaamiiniin kan gargaare akkamitti?

  • Nama hin amanneetti gaarummaa argisiisuu fi michuu isaa taʼuu gidduu garaagarummaa akkamiitu jira?

  • Gumii keessatti illee michoota itti dhihaannu yeroo filannutti of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliifi?

  • Weebsaayitii hawaasaa irratti garee namoota qaamaan wal hin beekne qabate keessatti ergaa walii barreessuu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?