AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Karaawwan Yihowaatti Akka Amanamnu Itti Argisiisnu Sadi
Daawit Yihowaatti waan amanameef Goliyaadiin injifateera. (1Sa 17:45) Yihowaan humna isaa fayyadamee tajaajiltoota isaa hunda gargaaruu barbaada. (2Se 16:9) Muuxannoo fi dandeettii keenyatti amanamuu mannaa gargaarsa Yihowaan nuuf godhutti amanamuu kan dandeenyu akkamitti? Mee karaawwan sadi haa ilaallu:
-
Irra deddeebiʼii kadhadhu. Dogoggora erga raawwattee booda dhiifama argachuuf qofa utuu hin taʼin, jabina qorumsa si mudatu dandamachuuf si gargaaru argachuufis kadhadhu. (Mat 6:12, 13) Murtoo erga gootee booda murtoo kee Yihowaan akka siif eebbisu kadhachuu mannaa, murtoo gochuu kee dura qajeelfamaa fi ogummaa akka siif kennu kadhadhu.—Yaq 1:5
-
Dhaabbataadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisi, akkasumas qoʼadhu. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisi. (Fr 1:2) Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu irratti xiinxali, akkasumas barumsa argatte hojii irra oolchi. (Yaq 1:23-25) Muuxannoo qabdutti amanamuu mannaa tajaajila baʼuu kee dura qophaaʼi. Barumsa dhihaatu dursitee qophaaʼuudhaan walgaʼiiwwan gumii irraa guutummaatti fayyadami.
-
Jaarmiyaa Yihowaa wajjin waltaʼiinsaan hojjedhu. Qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa yeroo yerootti kennu hordofi, akkasumas dafii hojii irra oolchi. (Lak 9:17) Jaarsoliin yommuu gorsaa fi qajeelfama kennan dhaggeeffadhu.—Ibr 13:17
VIIDIYOO ARIʼATAMA SODAACHUUN NU HIN BARBAACHISU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARGAMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
• Obboloonnii fi obboleettonni kun wanta nama sodaachisu akkamiitu isaan mudate?
• Wanti sodaa isaanii moʼuuf isaan gargaare maali dha?