Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Rakkinni Nu Irra Gaʼu Hundi Gaaf Tokko ni Dhaabbata

Rakkinni Nu Irra Gaʼu Hundi Gaaf Tokko ni Dhaabbata

Rakkoowwan salphaatti abdii nu kutachiisuu dandaʼu, keessumaa yommuu yeroo dheeraaf turanitti. Daawit rakkinni Saaʼol Mootichi isa irraan gaʼu yeroo booda akka dhaabbatuu fi akkuma Yihowaan waadaa galetti mootii akka taʼu beeka ture. (1Sa 16:13) Daawit amantiin isaa akka obsuu fi Yihowaa akka eeggatu isa gargaareera.

Yommuu rakkinni nu irra gaʼu haala keenya jijjiiruuf abshaalummaa, beekumsa ykn hubannaa keenya fayyadamuu dandeenya taʼa. (1Sa 21:12-14; Fak 1:4) Haa taʼu malee, wanta qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simu hunda erga goonee booda illee rakkoowwan tokko tokko itti fufuu dandaʼu. Yeroo akkasiitti obsuu fi Yihowaa eeggachuu qabna. Yihowaan dhiheenyatti rakkina keenya hundumaa ni balleessa, akkasumas “imimmaan hundumaa” ija keenya irraa ni haqa. (Mul 21:4) Rakkinni keenya kan dhaabbatu Yihowaadhaanis haa taʼu, sababa kan biraatiin wanta tokko mirkanaaʼaadha: Rakkinni keenya hundi gaaf tokko ni dhaabbata. Kana beekuun keenya nu jajjabeessa.

VIIDIYOO ADDUNYAA QOQQOODAME KEESSATTI SABA TOKKUMMAA QABU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboloonni kibba Yuunaayitid Isteetisitti argaman tokko tokko rakkoowwan akkamii isaan mudatanii turan?

  • Obsaa fi jaalala kan argisiisan akkamitti?

  • “Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan” irratti xiyyeeffachuu isaanii kan itti fufan akkamitti?—Flp 1:10