BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Wanta Tokko Miiraan Kakaatanii Raawwattuu?
Daawit gaaffii sirrii kan dhiheesse taʼus, Naabaal isaa fi namoota isaa arrabseera (1Sa 25:7-11; ia 89-90 key. 10-12)
Daawit miiraan kakaʼee dhiirota mana Naabaalitti argaman ajjeesuu barbaadee ture (1Sa 25:13, 21, 22)
Abigaayil Daawit dhiiga dhangalaasuu irraa akka of qusatu isa gargaarteetti (1Sa 25:25, 26, 32, 33; ia 92 key. 18)
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Yommuun aaru, yommuun waa bitu ykn abdii kutadhu yeroo tokko tokko miiraan kakaʼee tarkaanfii nan fudhadhaa? Moo tarkaanfii fudhachuu koo dura takka dhaabbadheen miidhaa inni geessisu irratti yaada?’—Fak 15:28; 22:3.