Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Namoonni Karaa Weebsaayitii Hawaasaa Itti Michoomte Eenyufaʼi?

Namoonni Karaa Weebsaayitii Hawaasaa Itti Michoomte Eenyufaʼi?

Michuun “nama jaalalaan ykn kabajaan nama kan biraatti maxxanu” jedhamee ibsameera. Fakkeenyaaf, Daawit erga Goliyaadiin ajjeesee booda innii fi Yonaataan michummaa cimaa uumanii turan. (1Sa 18:1) Lamaan isaanii iyyuu amaloota inni tokko isa tokko akka jaallatu godhan qabu turan. Kanaafuu, michummaa cimaan akka gaariitti wal beekuu irratti kan hundaaʼe dha. Nama tokko akka gaariitti beekuun yeroo fi carraaqqii gaafata. Haa taʼu malee, weebsaayitii hawaasaa irratti namoonni takkuma cuqaasuudhaan namoota michuu dhugaa fakkaatanii wajjin wal baruu dandaʼu. Taʼus namoonni weebsaayitii hawaasaa fayyadaman wanta dubbatan dursanii qophaaʼuu fi hamma tokko namoonni kaan ilaalcha gaarii akka isaaniif qabaatan gochuu waan dandaʼaniif, eenyummaa isaanii isa dhugaa salphaatti dhoksuu dandaʼu. Kanaafuu namoota michoota godhannu of eeggannoodhaan filachuun keenya barbaachisaa dha. Miira isaaniin miidha jettee sodaachuudhaan gaaffii michummaa namoonni ati hin beekne siif dhiheessan fudhachuu diduu hin sodaatin. Namoonni tokko tokko balaa gaʼuu dandaʼu tilmaama keessa galchuudhaan weebsaayitii hawaasaa guutummaatti fayyadamuu dhiisuu filataniiru. Taʼus, weebsaayitii hawaasaa fayyadamuu yoo filatte maal sammuutti qabachuu qabda?

VIIDIYOO WEEBSAAYITII HAWAASAA YEROO FAYYADAMTU HUBANNAA QABAADHU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Yaada kennuu fi suuraa tokko maxxansuu kee dura maal tilmaama keessa galchuu qabda?

  • Namoota weebsaayitii hawaasaatiin itti michoomtu of eeggannoodhaan filachuu kan qabdu maaliifi?

  • Yeroo weebsaayitii hawaasaa fayyadamuudhaan dabarsitu daangessuu kan qabdu maaliifi?—Efe 5:15, 16