Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Solomoon Mootichi Murtoo Ogummaa Irratti hin Hundoofne Godhe

Solomoon Mootichi Murtoo Ogummaa Irratti hin Hundoofne Godhe

[Viidiyoo Beeksisa Kitaaba 2 Seenaa Baraa jedhamu taphachiisi.]

Solomoon fardeenii fi gaarii fardaa hedduu Gibxiidhaa fichisiise (Kes 17:15, 16; 2Se 1:14, 17)

Fardeenii fi gaariiwwan fardaa kana kunuunsuuf namoonnii fi magaalonni dabalataa ni barbaachisu turan (2Se 1:14; it-1-E 174 key. 5; 427)

Sabichi yeroo bulchiinsi Solomoon gaarii turetti jireenya gaarii jiraachaa kan turan taʼus, booda baʼaa guddaa isaanitti feʼeera; kanaaf Rooboʼaam yeroo mootii taʼetti isa irratti fincilan, sababiin isaas inni jireenyi caalaatti akka isaanitti ulfaatu godhee ture. (2Se 10:3, 4, 14, 16) Murtoon goonu yeroo hunda wanta fidu qaba.—Gal 6:7