AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Garaa Kee Eeggadhu”
Solomoon hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Wantoota hundumaa caalaa garaa kee eeggadhu” jedhee barreesseera. (Fak 4:23) Kan nama gaddisiisu garuu Israaʼeloonni warri saba Waaqayyoo taʼan, “garaa isaanii guutuudhaan” Yihowaa dura deddeebiʼuu dhaabaniiru. (2Se 6:14) Solomoon Mootichi illee haadhotiin manaa isaa warri waaqolii sobaa waaqeffatan garaan isaa waaqolii sobaatti akka jalʼatu godhaniiru. (1Mo 11:4) Garaa keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffiin kun mata duree qoʼannaa Masaraa Eegumsaa Amajjii 2019 fuula 14-19 irratti argamudha.
VIIDIYOO BARUMSA MASARAA EEGUMSAA IRRAA ARGANNU—GARAA KEESSAN EEGGADHAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Kiristiyaanonni kun dhiibbaan amantii isaanii laaffisu akkamii isaan mudatee ture? Mata dureen qoʼannaa kun garaa isaanii eeggachuuf kan isaan gargaare akkamitti?
-
Bireentii fi Laawuran
-
Umjaay
-
Happii Laayuu
Mata dureen qoʼannaa kun siinoo kan si gargaare akkamitti?