Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Guyyaa Guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu fi Ogummaa Barbaaduu

Guyyaa Guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu fi Ogummaa Barbaaduu

Ogummaan Waaqayyo biraa argamu akkuma qabeenya dhokfamee gatii guddaa qaba. (Fak 2:1-6) Ogummaan abshaalota akka taanuu fi murtoo gaarii akka goonu nu gargaara. Akkasumas eegumsa nuuf godha. Kanaaf ogummaan “wanta baayʼee barbaachisaa” taʼedha. (Fak 4:5-7) Qabeenya hafuuraa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru qotanii baasuun carraaqqii gochuu gaafata. Guyyaa guyyaadhaan “halkanii fi guyyaa” Dubbii Waaqayyoo dubbisuudhaan carraaqqii keenya kana jalqabuu dandeenya. (Iya 1:8) Yaadawwan dhaabbataadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi dubbisa keenyatti gammaduuf nu gargaaran tokko tokko hubadhu.

VIIDIYOO DARGAGGOOTA DUBBII WAAQAYYOO JAALLACHUU BARATAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

Dargaggoonni kun Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuu irratti rakkinni akkamii isaan mudatee ture? Wanti isaan gargaare hoo maalidha?

  • Meelaanii

  • Saamuʼel

  • Seeliin

  • Raafaaʼeloo

SAGANTAA DUBBISA KITAABA QULQULLUU KOO: