AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Akkaataa Viidiyoowwan Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Jalqabsiisuuf Qophaaʼan Fayyadamuun Itti Dandaʼamu
Viidiyoowwan tajaajila irratti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf itti fayyadamnu afur qabna. Tokkoon tokkoon isaanii kaayyoo maaliitiif qophaaʼan?
-
Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi?—Guutuu Isaa:- namni tokko amantii akkamii iyyuu yoo qabaate Kitaaba Qulqulluutiif fedhii akka qabaatu gochuuf kan qophaaʼedha. Viidiyichi namoonni gaaffilee guguddoo ilmaan namootaa gaafataniif ofuma isaaniitiin Kitaaba Qulqulluu irraa deebii akka barbaadan jajjabeessa, akkasumas Kitaaba Qulqulluu irraa gaaffii tokkoof deebii kenna. Kana malees, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf akkamitti gaaffii dhiheessuun akka dandaʼamu ibsa.
-
Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi? (isa gabaabfamee qophaaʼe):- isa guutuu taʼee wajjin wal fakkaata, garuu dheerinni isaa tokko sadaffaa isa guutuu sanaa taʼa. Naannoo tajaajilaa namoonni ariifatan itti baayʼatan keessatti caalaatti buʼa qabeessadha.
-
Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Akkamitti Geggeeffama?:- namoonni qophii tolaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf gooneef fedhii akka qabaatan gochuuf kan qophaaʼedha, akkasumas Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf akkamitti gaaffii dhiheessuun akka dandaʼamu dabalatee gaaffilee kanaa wajjin wal qabatan tokko tokkoof deebii kenna.
-
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Keetiif Baga Nagaan Dhufte:- barattoota Kitaaba Qulqulluutti akka argisiisnuuf kan qophaaʼedha. Viidiyoon kun fuula lammaffaa kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu irratti kan argamu taʼus, yeroo birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu fayyadamnee isaanii wajjin mariʼannuttis argisiisuu ni dandeenya. Viidiyichi qabiyyee kitaabichaa ibsa, akkasumas barattoonni marii godhamu irraa maal eeguu akka qaban addeessa.
Viidiyoowwan kun hundi kaayyoo itti qophaaʼan kan qaban taʼus, yeroo barbaachisaa taʼutti namootatti argisiisuun ykn isaaniif erguun ni dandaʼama. Babalʼistoonni viidiyoowwan kana akka gaariitti akka beekanii fi tajaajila isaanii irratti akka gaariitti akka fayyadaman jajjabeeffamu.