AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
Guyyaa guyyaadhaan murtoo baayʼee gochuun nu barbaachisa. Namoonni addunyaa yeroo baayʼee miira isaanii irratti hundaaʼanii murteessu ykn wantuma namoonni baayʼeen godhan godhu. (Bau 23:2; Fak 28:26) Faallaa kanaatiin namoonni Yihowaatti amanaman, murtoon isaanii qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundaaʼu gochuudhaan isa ‘tilmaama keessa galchu.’—Fak 3:5, 6.
Caqasoota armaan gadii hunda irratti, haala caqasichi murtoo gaarii gochuuf itti si gargaaruu dandaʼu tokko barreessi.
VIIDIYOO WARRA AMANTII HIN QABNEE UTUU HIN TAʼIN, FAKKEENYA WARRA AMANAMOO TAʼANII HORDOFAA—FARAʼOONIIN UTUU HIN TAʼIN, MUSEE JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Obboleessi keenya murtoo gaarii akka godhu fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko kan isa gargaare akkamitti?