Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bitootessa 18-24

FAARFANNAA 19-21

Bitootessa 18-24

Faarfannaa 6 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. “Samiiwwan Ulfina Waaqayyoo Labsu”

(Daq. 10)

Uumamni Yihowaa ulfina isaa labsa (Far 19:1; w04-AM 1/1 8 key. 1-2)

Aduun uumama ajaaʼibaati (Far 19:4-6; w04-AM 6/1 11 key. 8-10)

Uumama Waaqayyoo irraa barachuu qabna (Mat 6:28; g95-E 11/8 7 key. 3)


YAADA WAAQEFFANNAA MAATIITIIF TAʼU: Uumama ilaalaa; achiis waaʼee Yihowaa maal akka isin barsiisu irratti mariʼadhaa.

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Far 19:7-9—Caqasoonni kun walaloowwan Afaan Ibrootaa karaa baayʼee adda taʼeen akka qophaaʼan kan argisiisan akkamitti? (it-1-E 1073)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) LALLABA ADABAABAYII. Waraqaa affeerrii Ayyaana Yaadannoo kenniif; achiis ayyaanichi naannoosaatti eessatti akka kabajamu jw.org fayyadamiitii itti argisiisi. (lmd qoʼannaa 2 qabxii 3)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama waraqaa affeerrii balbala isaarra isaaf kaaʼame argatee Ayyaana Yaadannoo irratti argame tokko simadhu. Akkasumas gaaffii isaa isaaf deebisuuf qophii godhi. (lmd barumsa 3 qabxii 4)

6. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 5.) Haasaa. ijwfq 45—Mataduree: Dhugaa Baatonni Yihowaa Irbaata Gooftaa Karaa Amantiiwwan Kaan Irraa Adda Taʼeen kan Kabajan Maaliifi? (th qoʼannaa 6)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 141

7. Amantii Keessan Ijaaruuf Uumamawwanitti Fayyadamaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. VIIDIYICHA taphachiisi. Achii akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Wantoonni uumama irratti mulʼatan adda addaa amantii Uumaa irratti qabdan kan isiniif guddisan akkamitti?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 127 fi kadhanna