Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ebla 1-7

FAARFANNAA 23-25

Ebla 1-7

Faarfannaa 4 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. “Yihowaan Tiksee Koo Ti”

(Daq. 10)

Yihowaan nu geggeessa (Far 23:1-3; w11-AM 5/1 31 key. 3)

Yihowaan nu eega (Far 23:4; w11-AM 5/1 31 key. 4)

Yihowaan nu soora (Far 23:5; w11-AM 5/1 31 key. 5)

Yihowaan akkuma tikseen jaalala qabeessi tokko hoolotasaa kunuunsutti tajaajiltoota isaa kunuunsa.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Yihowaan dhuunfaatti kan na kunuunsu akkamitti?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Far 23:3—‘Daandiin qajeelummaa’ maalidha? Daandii kanarraa akka hin jalʼanne maaltu nu eega? (w11 2/15 24 key. 1-3)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama waaʼeen faalama naannoo akka isa yaaddessu sitti hime tokkoof caqasa Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessu tokko dubbisi. (lmd barumsa 2 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Nama birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu fudhate tokkotti qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu argisiisi. (lmd barumsa 9 qabxii 3)

6. Barattoota Gochuu

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 54

7. Sagalee Keessummootaa hin Dhageenyu

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Hoolonni sagalee tiksee isaanii beeku, akkasumas isa duukaa buʼu. Nama sagalee isaa hin beeknerraa garuu ni baqatu. (Yoh 10:5) Haaluma wal fakkaatuun, nutis sagalee Yihowaa fi Yesuus warra tiksoota keenya jaalala qabeeyyii fi amanamoo taʼanii ni dhageenya. (Far 23:1; Yoh 10:11) Haataʼu malee, sagalee keessummoota “dubbii fakkeessaa” dubbachuudhaan amantii keenya laaffisuuf yaalanii hin dhageenyu.—2Ph 2:1, 3.

Uumamni boqonnaan sadii sagaleen keessummaa yeroo jalqabaatiif yoom lafarratti akka dhagaʼame ibsa. Seexanni karaa nama dogoggorsuu, akkasumas eenyummaa isaa isa dhugaa dhoksuudhaan Hewaanitti dubbateera. Michuu ishee fakkaachuudhaan waaʼee dubbii fi yaada Yihowaa soba isheetti dubbateera. Kan nama gaddisiisu Hewaan isa dhaggeeffatteetti, kunimmoo ishee fi maatii isheerratti rakkina hangana hin jedhamne geessiseera.

Yeroo harʼaa Seexanni Yihowaa fi jaarmiyaasaa akka shakkinu gochuuf oduu gaarii hin taane, dubbii hamma tokko dhugaa taʼee fi soba babalʼisa. Sagalee keessummaa yeroo dhageenyu irraa baqachuu qabna! Maal akka taʼe beekuuf xinnuma dhaggeeffachuunillee balaa qaba. Seexanni, Hewaaniin dogoggorsuuf yeroo isheetti dubbatetti jechoota meeqatti fayyadame? (Uma 3:1, 4, 5) Nutoo, namni beeknu, jechuunis namni nu jaallatuu fi wanta gaarii nuuf yaadu tokko waaʼee jaarmiyaa Yihowaa dubbii gaarii hin taane nutti himuu yoo barbaade maal gochuu qabna?

VIIDIYOO “Sagalee Keessummootaa Mormaa” jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Wanta Jeediin yeroo haati ishee waaʼee jaarmiyaa Yihowaa oduu gaarii hin taane isheetti himuuf yaaltetti gooterraa maal baratte?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 55 fi Kadhannaa