Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ebla 22-28

FAARFANNAA 32-33

Ebla 22-28

Faarfannaa 103 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Cubbuu Cimaa Himachuu Kan Qabnu Maaliifi?

(Daq. 10)

Daawit, tarii cubbuu isaa (cubbuu Baati Sheebaa wajjin hojjete taʼuu hin oolu) dhoksuuf yeroo yaaletti dhiphatee ture (Far 32:3, 4; w93-AM 3/15 9 key. 7)

Daawit cubbuusaa Yihowaatti himatee dhiifama argateera (Far 32:5; cl 314 key. 8)

Daawit erga Yihowaan dhiifama isaaf godhee booda nagaa argateera (Far 32:1; w01-AM 6/1 30 key. 1)

Cubbuu cimaa yoo hojjenne, gad of qabnee balleessaa keenya amanuudhaan cubbuu keenya Yihowaatti himachuu fi dhiifama akka nuuf godhu gaafachuu qabna. Kana malees, jaarsoliin nageenya hafuuraa keenya deebisnee akka argannu waan nu gargaaraniif gargaarsa isaanii gaafachuu qabna. (Yaq 5:14-16) Akkas yoo goone Yihowaan nu haaromsa.—HoE 3:19.

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Far 33:6—“Hafuura afaan” Yihowaa keessaa baʼu kan jedhame maalidha? (w06-AM 5/15 20 key. 1)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Gad of Qabi—Phaawulos Maal Godhe?

(Daq. 7.) Mareedhaan kan dhihaatu. VIIDIYICHA taphachiisi, achiis lmd barumsa 4 qabxii 1 fi 2​rratti mariʼadhaa.

5. Gad of Qabi—Fakkeenya Phaawulos Hordofi

(Daq. 8) Birooshura lmd barumsa 4 qabxii 3-5 fi kutaa “Caqasoota Kanas Ilaali” jedhu irratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 74

6. Akka Gumichaaf Barbaachisutti Itti Fayyadamaa

(Daq. 15)

7. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 39 fi Kadhannaa