Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ebla 29–Caamsaa 5

FAARFANNAA 34-35

Ebla 29–Caamsaa 5

Faarfannaa 10 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. ‘Yeroo Hundumaa Yihowaa Jajadhaa’

(Daq. 10)

Daawit yeroo rakkoowwan isa mudachaa turanittillee Yihowaa jajeera (Far 34:1; w07 3/1 23 key. 11)

Daawit ofii isaatiin utuu hin taʼin, Yihowaadhaan of jajeera (Far 34:2-4; w07 3/1 24 key. 13)

Daawit Yihowaa jajuun isaa namoota isaa wajjin turan jajjabeesseera (Far 34:5; w07 3/1 25 key. 15)

Daawit Akiish ykn Abimelek irraa erga addaan baʼee booda, namoonni Saaʼol irratti komii qaban 400 lafa onaa keessatti gara isaa dhufaniiru. (1Sa 22:1, 2) Daawit faarfannaa kana yeroo qindeessetti namoota kana yaadatti qabatee taʼuu dandaʼa.—ibsa jalqaba Far 34 irra jiru.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Yeroo itti aanu, walgaʼii gumiirratti argamee yommuun nama tokkoo wajjin haasaʼu akkamittan Yihowaa jajachuu dandaʼa?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Far 35:19—Daawit, namoonni isa jibban “ijaan akka walitti himan” Yihowaan akka hin heyyamne yommuu kadhatu maal jechuusaa ture? (w06-AM 5/15 20 key. 2)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Utuu ati dhugaa isaaf hin baʼin mariin gootan addaan cita. (lmd barumsa 1 qabxii 4)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. (lmd barumsa 2 qabxii 4)

6. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 5) Hojiin Argisiisa. ijwfq 59—Mataduree: Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaanni Tokko Waaqayyo Duratti Fudhatama Qabaachuu fi Dhiisuu Isaa Kan Murteessan Akkamitti? (th qoʼannaa 17)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 59

7. Karaawwan Walgaʼiirratti Yihowaa Itti Jajannu Sadii

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Walgaʼiiwwan gumii Yihowaa jajachuuf carraa gaarii nuu banu. Karaan akkas gochuu itti dandeenyu sadii warra kanadha.

Warra Kaanii Wajjin Haasaʼuu: Yeroo warra kaanii wajjin haasoftu waaʼee gaarummaa Yihowaa dubbadhu. (Far 145:1, 7) Qabxii dubbiste ykn dhageessee fi si fayyade tokko qabdaa? Muuxannoo gaarii tajaajila irratti argatte qabdaa? Wanta namni tokko dubbate ykn raawwateen kan kaʼe jajjabaatteettaa? Uumamarratti wanti dinqisiisaan ati argite jiraa? Wantoonni kun hundi kennaa Yihowaati. (Yaq 1:17) Warra kaanii wajjin haasaʼuu akka dandeessuuf daqiiqaa muraasa dursii dhaqi.

Hirmaannaa Gochuu: Tokkoon tokkoon walgaʼiirratti yoo xinnaate yaada tokko kennuuf yaali. (Far 26:12) Gaaffii gaafatameef deebii kallattii kennuu ykn qabxii keeyyaticha keessa jiru kan biraa ibsuu ykn caqasarratti ykn fakkii irratti yaada kennuu ykn akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu ibsuu dandeessa. Yeroo ati harka baastu warri kaanis baasuu waan dandaʼaniif, deebii hedduu qophaaʼi. Sekoondii 30 ykn isaa gad keessatti yoo yaada kennite, namoonni hedduun ‘Waaqayyoof aarsaa galataa dhiheessuuf’ carraa argatu.—Ibr 13:15.

Faarfachuu: Faarfannaawwan Mootummichaa miira hoʼaadhaan faarfadhu. (Far 147:1) Gumii keessatti, keessumaa immoo gumichi babalʼistoota hedduu qaba taanaan, yaada kennuuf carraa argachuu dhiisuu dandeessa; yeroo hundaa faarfachuu garuu ni dandeessa. Sagaleen kee akka hin bareenne yoo sitti dhagaʼamellee, wanta siif dandaʼame hunda yoo goote Yihowaan baayʼee itti gammada! (2Qo 8:12) Manatti shaakaluudhaan qophaaʼuu dandeessa.

VIIDIYOO Imala Seenaa Keenyaa—Kennaa Faarfannaa, Kutaa 1 jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Bara keenyatti jaarmiyaan Yihowaa hojii jalqabee utuu baayʼee hin turin, faarfannaadhaan Yihowaa jajachuun barbaachisaa taʼuusaa kan mulʼisne akkamitti?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa Haaraa Walgaʼii Naannoo 2024 fi kadhannaa