Bitootessa 17-23
FAKKEENYA 5
Faarfannaa 122 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Halalummaa Irraa Fagaadhaa
(Daq. 10)
Halalummaan qorumsa namatti taʼuu dandaʼa (Fak 5:3; w00-AM 7/15 29 key. 1)
Halalummaan gaddaa fi gaabbii namarraan geessisa (Fak 5:4, 5; w00-AM 7/15 29 key. 2)
Halalummaa irraa fagaadhaa (Fak 5:8; w00-AM 7/15 29 key. 5)
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
-
Fak 5:9—Halalummaan ‘ulfina keenya warra kaaniif akka kenninu’ gochuu kan dandaʼu akkamitti? (w00-AM 7/15 29 key. 7)
-
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Fak 5:1-23 (th qoʼannaa 5)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) LALLABA ADDABAABAAYII. Nama amantii Kiristiyaanaa hin hordofne tokko ayyaana yaadannoo irratti akka argamu affeeri; achiis ayyaanichi naannoo isaatii eessatti akka kabajamu jw.org irraa itti argisiisi.(lmd barumsa 6 qabxii 4)
5. Hordofii Gargaari
(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Namichi kanaan dura waraqaa affeerrii ayyaana yaadannoo fudhateera, akkasumas fedhii argisiiseera. (lmd barumsa 9 qabxii 5)
6. Barattoota Gochuu
(Daq. 5) lff barumsa 16 maal baratte, irra deebii fi galma. Barataan kee ‘Yesuus haadha manaa qaba turee?’ jedhee yommuu si gaafatu, akkaataa itti qorannaa gochuudhaan deebii isaa argachuu dandaʼu itti argisiisi. (lmd barumsa 11 qabxii 4)
Faarfannaa 121
7. Gaaʼelaaf Yeroo Wal Qorattan Qulqullummaa Keessan Eeggachuuf Of Eeggannoo Akkamii Gochuu Dandeessu?
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Dhiirrii fi Durbi tokko miira jaalalaatiin xiyyeeffannaa waliif kennanii yeroo waliin dabarsaa jiru taanaan wal qorachaa jiru jechuudha. Kana kan godhan namootaa wajjin taʼuudhaan ykn isaan irraa siquudhaan, akka wal qorachaa jiran beeksisanii ykn utuu hin beeksisin, qaamaan ykn bilbilaa fi ergaa gabaabaadhaan taʼuu dandaʼa. Wal qorachuu akka bashannanaatti utuu hin taʼin, tarkaanfii barbaachisaa gara gaaʼelaatti ceesisu akka taʼetti ilaalla. Dargaggoonnis taʼan gaʼeessonni yommuu wal qoratanitti halalummaa akka hin raawwanne of eeggachuuf maalfaa gochuu dandaʼu?—Fak 22:3.
VIIDIYOO Gaaʼela Dhaabbachuuf Qophaaʼuu—Kutaa 1: Saala Faallaa Wajjin Jaalala Jalqabuuf Umuriin Koo Gaʼeeraa?—Gabaabfamee kan fudhatame jedhamu taphachiisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
-
Namni tokko gaaʼela dhaabbachuuf qophaaʼaa miti taanaan, jaalallee qabaachuu kan hin qabne maaliifi? (Fak 13:12; Luq 14:28-30)
-
Akkaataa warri kun intala isaanii itti gargaaran keessaa wanti sitti tole maalidha?
Fakkeenya 28:26 dubbisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
-
Dhiirrii fi durbi tokko haala halalummaadhaaf isaan saaxilu keessa akka hin seenneef, dursanii maalfaa gochuu dandaʼu?
-
Namoonni wal qorachaa jiran, harka wal qabachuu fi wal dhungachuu dabalatee akkaataa jaalala itti waliif ibsan irratti dursanii ifatti mariʼachuu fi daangaa kaaʼuun isaanii gaarii kan taʼe maaliifi?
Efesoon 5:3, 4 dubbisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
-
Namoonni wal qorachaa jiran, bilbilaan ykn intarneetiidhaan yeroo waliin haasaʼanitti maalfaa yaadatti qabachuu qabu?
8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) bt boq. 24 key. 1-6