Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 45-51

Yihowaan Warra Garaan Isaanii Cabe hin Tuffatu

Yihowaan Warra Garaan Isaanii Cabe hin Tuffatu

Faarfannaa 51 kan barreesse Daawiti dha; kan barreesses cubbuu cimaa inni Baat-Sheebaa wajjin raawwate Naataan raajichi erga itti himee booda dha. Daawit qalbiin isaa waan isa ceephaʼeef gad of qabuudhaan cubbuu raawwate himateera.—2Sam 12:1-14.

Daawit cubbuu hojjetus hariiroo Yihowaa wajjin qabu fooyyessuu ni dandaʼa ture

51:3, 4, 8-12, 17

  • Yaada isaa geddarachuu fi cubbuu hojjete himachuu isaa dura, qalbiin isaa baayʼee isa jeeqee ture

  • Waaqayyo duratti fudhatama dhabuun isaa waan isa dhiphiseef akka nama lafeewwan isaa caccabaniitti isatti dhagaʼamee ture

  • Dhiifama argachuu, hariiroo Yihowaa wajjin qabu fooyyeffachuu fi gammachuu duraan qabu deebisee argachuu barbaadee ture

  • Yihowaan ajajamuuf fedhii akka qabaatu akka isa gargaaruuf gad of qabuudhaan kadhatee ture

  • Yihowaan dhiifama akka isaaf godhu mirkanaaʼaa ture