AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Mootumichi Waggaa 100 Lakkoofsiseera
Namoonni lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuu barbaadan waaʼee Mootummichaa fi wantoota inni raawwate hanga dandaʼan barachuu qabu. Maaliif? Kun, amantii Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiru qaban isaaniif cimsuu qofa utuu hin taʼin, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namootatti himuuf isaan kakaasa. (Far 45:1; 49:3) Viidiyoo Mootumichi Waggaa 100 Lakkoofsiseera jedhu yommuu ilaaltan gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaalaa:
-
Fiilmiin “Footoo Diraamaa Oov Kiriʼeeshin” jedhamu, warra fiilmicha ilaalaniif eebba ture kan jennu maaliifi?
-
Misiraachicha lallabuuf raadiyoon faayidaa irra kan oole akkamitti?
-
Malawwan misiraachicha lallabuuf hojii irra oolan kaan kam faʼi? Buʼaan isaa hoo maal ture?
-
Waggoottan darbanitti leenjiin tajaajila ilaalchisee kennamu fooyyaʼaa kan dhufe akkamitti?
-
Barattoota Mana Barumsaa Giilʼaadiif leenjii akkamiitu kennamaa ture?
-
Walgaʼii guguddaan saba Yihowaa barsiisuu irratti gaʼee akkamii qaba ture?
-
Mootummaan Waaqayyoo bulchaa jiraachuu isaa kan siif mirkaneesse maali dha?
-
Mootummaa Waaqayyoo akka deggerru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?