AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Waaqayyo Gargaaraa Koo Ti”
Faarfannaan 52-59 wantoota Daawit yeroo rakkoo hedduun isa mudatetti dubbate ibsa. Taʼus yeroo rakkisaa sanatti Yihowaatti amanameera. (Far 54:4; 55:22) Kana malees, Dubbii Isaatiif Yihowaa jajateera. (Far 56:10) Waaqayyo irratti amantii fi amanannaa akka Daawit qabaachuuf carraaqaa jirraa? Yommuu rakkinni nu mudatu Dubbii isaa irraa qajeelfama argachuuf carraaqqii goonaa? (Far 2:6) Yommuu rakkoowwan armaan gadii si mudatanitti caqasawwan Kitaaba Qulqulluu kamfaatu si gargaare?
-
Yommuu abdii kutatetti ykn dhiphatetti?
-
Yommuu dhukkubsattetti?
-
Yommuu namoonni si gaddisiisanitti?
-
Yommuu ariʼatamni si irra gaʼetti?