Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 52-59

‘Wanta Yaada Sitti Taʼu Yihowaatti Gatii Dhiisi’

‘Wanta Yaada Sitti Taʼu Yihowaatti Gatii Dhiisi’

Daawit qorumsawwan ulfaatoo taʼan hedduun isa irra gaʼanii turan. Yommuu Faarfannaa 55 barreessu wantoonni armaan gadii isa irra gaʼanii turan:

  • Arrabsoo

  • Ariʼatama

  • Akka Malee Of Ceephaʼuu

  • Rakkina Maatii

  • Dhukkuba

  • Ganamuu

Daawit rakkoowwan isaa humnaa ol yeroo fakkaatanitti illee, karaa itti isaan damdamatu argateera. Namoota akkuma isaa isaanitti dhagaʼamuuf hafuuraan geggeeffamee gorsa, ‘Wanta yaada sitti taʼu Yihowaatti gatii dhiisi’ jedhu kenneera.

Yeroo harʼaatti caqasa kana hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

55:22

  1. Yommuu rakkinni si mudatu, akkasumas yaaddoon ykn dhiphinni yommuu sitti dhagaʼamu garaadhaa Yihowaatti kadhannaa dhiheessi

  2. Dubbii Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irraa qajeelfamaa fi gargaarsa argachuuf yaali

  3. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin haala wal simuun, rakkina sanaaf furmaata kennuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi