AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barsiisuuf Viidiyoowwanitti Fayyadamuu
BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
Viidiyoowwan qaamota miiraa ilaaluu fi dhagaʼuu hawwachuudhaan garaa namootaa tuquu dandaʼu. Kun immoo xiyyeeffannaa namootaa harkisuu fi barumsichi sammuu isaanii keessaa akka hin badne gochuuf gargaara. Yihowaan wantoota ijaan argamanitti fayyadamanii barsiisuu ilaalchisee fakkeenya gaarii taʼa.—HoE 10:9-16; Mul 1:1.
Viidiyoowwan Waaqayyo Maqaa Qabaa?, Kitaaba Qulqulluu kan Barreessise Eenyu Dha?, akkasumas Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamitti Beekna? jedhan birooshura Misiraachoo barumsa 2 fi 3 kan deggerani dha. Viidiyoowwan Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi?, Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Akkamitti Geggeeffama?, akkasumas Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhan immoo, namoonni Kitaaba Qulqulluu nuu wajjin akka qoʼatanii fi walgaʼiiwwan gumii irratti akka argaman jajjabeessu. Viidiyoowwan keenya warra dhedheeraa keessaa warra tokko tokkottis qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu irratti itti fayyadamuun ni dandaʼama.
KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
-
Viidiyoo nama haasofsiistan sanatti argisiisuu barbaaddan dursaa garagalfadhaa
-
Gaaffii viidiyoon sun deebii irratti kennu tokko ykn lama qopheessaa
-
Viidiyicha waliin ilaalaa
-
Yaadawwan ijoo irratti mariʼadhaa
AKKAS GOCHUUF YAALI:
-
Duuba tiraaktota keenyaa irraa koodii viidiyoo Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhamu baasu itti argisiisi
-
Viidiyoo Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamitti Beekna? jedhu itti argisiisiitii birooshura Misiraachoo kenniif, achiis barumsa 3ffaa ibsiif