Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 34-37

Waaqayyoon Amanadhu, Wanta Gaarii Taʼes Hojjedhu

Waaqayyoon Amanadhu, Wanta Gaarii Taʼes Hojjedhu

“Warra waan jalʼaa hojjetanitti . . . hin hinaafin!”

37:1, 2

  • Milkaaʼina jalʼoonni yeroodhaaf argatan, Yihowaa tajaajiluu irraa duubatti akka jettu akka si godhu hin heyyamin. Eebbaa fi galma hafuuraa irratti xiyyeeffadhu

‘Yihowaa amanadhu, wanta gaarii taʼes hojjedhu’

37:3

  • Yihowaan shakkii ykn yaaddoo ati qabdu hunda irratti akka si gargaaru amantii qabaadhu. Inni amanamaa taatee akka jiraattu si gargaara

  • Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu irratti hinaaffaadhaan hirmaadhu

‘Yihowaatti gammadi!’

37:4

  • Yihowaa caalaatti beekuuf galma baafachuudhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluuf sagantaa baafadhu

‘Karaa kee Yihowaatti kennadhu’

37:5, 6

  • Yihowaan rakkina kam iyyuu damdamachuuf si gargaaruu akka dandaʼu guutummaatti isatti amanami

  • Mormii fi ariʼatamni yommuu si irra gaʼu ykn namoonni waaʼee kee ilaalcha dogoggoraa yommuu qabaatan amala gaarii argisiisi

‘Yihowaa duratti gab jedhi, obsaanis isa eeggadhu’

37:7-9

  • Ariifattee tarkaanfii gammachuu fi nageenya hafuuraa kee balaadhaaf saaxilu fudhachuu irraa of qusadhu

‘Warri garraamonni lafa ni dhaalu’

37:10, 11 (hiika bara 1899)

  • Garraamii taʼi, hanga Yihowaan jalʼina si irratti raawwatamu hunda hambisutti gad of qabuudhaan eeggadhu

  • Namoota hidhata amantii kee taʼan gargaari; abdii Waaqayyo addunyaa haaraa isa dhiheenyatti dhufu ilaalchisee kenne itti himuudhaan warra gaddanis jajjabeessi

Mootummaan Masiihichaa eebbawwan hangana hin jedhamne fida