Ittiin Lixa
DAMMAQAA!
Barreeffamicha Kennuuf: Barruu Dammaqaa! dhiheenyatti baʼe sii kennuun dhufe.
Gaaffii: Mee gaaffii fuula 2 irra jiru qalbeeffadhu. Ati hoo maal sitti fakkaata?
Caqasa: Luq 7:35 Mata dureen kun yaadni kun Kitaaba Qulqulluuf kan hojjetu akkamitti akka taʼe ibsa.
DAMMAQAA!
Gaaffii: Yaada kanaa wajjin wal simanii jiraachuun gaarii sitti fakkaataa?
Caqasa: Mat 6:34
Barreeffamicha Kennuuf: [Mata duree “Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?—Yaaddoo” jedhu baasi.] Mata dureen kun Kitaabni Qulqulluun yaaddoo moʼuuf akkamitti akka nu gargaaruu dandaʼu ibsa.
BARUMSA MACAAFA QULQULLUU
Gaaffii: Namoonni tokko tokko addunyaa kana kan toʼatu Waaqayyo akka taʼe yaadu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun akkana jedhee akka hin barsiisne beektaa?
Caqasa: 1Yo 5:19
Barreeffamicha Kennuuf: Kitaabni kun mata duree kanaa fi kan biroo hedduu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka barsiisu ibsa ifa taʼe kenna.
ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU
Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi