AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Karaawwan JW Library Fayyadamuun Itti Dandaʼamu
QOʼANNAADHAAF:
-
Kitaaba Qulqulluu fi caqasa guyyaa dubbisuuf itti fayyadami.
-
Kitaaba Waggaa (Ingiliffa), barruulee fi barreeffamoota kaan dubbisi. Mallattoo itti godhachuuf isa Bookmarks jedhutti fayyadami
-
Walgaʼiiwwan gumiitiif qophaaʼuu fi deebii jala muruuf itti fayyadami
-
Viidiyoowwan ilaali
WALGAʼIIWWAN IRRATTI:
-
Caqasawwan obboleessi haasaa dhiheessu caqasu baasii hordofi. Gara caqasaatti deebiʼuuf isa history jedhutti fayyadami
-
Barreeffamoota hedduu baattee gara walgaʼii deemuu mannaa, kutaa adda addaa walgaʼichaa hordofuu fi faarfannaa faarfachuuf meeshaa elektirooniksii keetti fayyadami. JW Library faarfannaawwan haaraa kitaaba faarfannaa irratti hin maxxanfamne qabateera
TAJAAJILA IRRATTI:
-
Nama fedhii argisiisetti wanta tokko JW Library irraa itti argisiisi; achiis appilikeshinii JW Library fi barreeffamoota meeshaa elektirooniksii isaa irratti akkamitti akka feʼatu itti argisiisi
-
Caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko baafachuuf isa Search jedhutti fayyadami
-
Viidiyoo itti argisiisi. Namni haasofsiistu sun ijoollee yoo qabate, viidiyoo Michuu Yihowaa Taʼi jedhu keessaa tokko itti argisiisi. Yookiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutiif fedhii akka qabaatu gochuuf, viidiyoo Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhu itti argisiisi. Namni tokko afaan kan biraa kan dubbatu yoo taʼe, afaan isaatiin viidiyoo tokko itti argisiisi
-
Kitaaba Qulqulluu afaan biraatiin garagalfatte tokko itti argisiisi. Gara caqasichaa dhaqiitii lakkoofsa isaatti buʼuudhaan caqasicha hiika kan biraatiin baasi