Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 11-18

Godoo Yihowaa Keessa Eenyutu Buufata?

Godoo Yihowaa Keessa Eenyutu Buufata?

Namni tokko godoo Yihowaa keessa buufata jechuun, michuu Waaqayyo isatti amanamuu fi isaaf ajajamu taʼa jechuu dha. Faarfannaan 15 ulaagaa Yihowaan nama michuu isaa taʼu tokko irraa barbaadu ibsa.

WANTOOTA NAMNI GODOO YIHOWAA KEESSA BUUFATU GOCHUU QABU

  • Nama amanamaa

  • Garaa isaatti illee dhugaa kan dubbatu

  • Warra Yihowaa tajaajilaniif ulfina kan kennu

  • Rakkisaa isatti taʼu illee waadaa gale kan eegu

  • Akka dugda isaaf deebisan utuu hin eegin warra rakkatan kan gargaaru

WANTOOTA NAMNI GODOO YIHOWAA KEESSA BUUFATU IRRAA FAGAATU

  • Hamii fi maqaa namaa balleessuu

  • Nama irratti hamaa hojjechuu

  • Kiristiyaanota obboloota isaa taʼanitti fayyadamuu

  • Warra Yihowaa hin tajaajilee fi isaaf hin ajajamnetti michoomuu

  • Gabbarsuu fudhachuu