Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Caamsaa 2-8

IYOOB 38-42

Caamsaa 2-8
  • Faarfannaa 18 fi Kadhannaa

  • Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

  • Warra Kaaniif Kadhachuun Yihowaa ni Gammachiisa”: (Daq. 10)

    • Iyo 42:7, 8—Yihowaan, Iyoob Eliifaaz, Biildaadii fi Zofaariif akka kadhatu isa irraa eega ture (w13 6/15 ful. 21 key. 17; w98-AM 5/1 ful. 30 key. 3-6)

    • Iyo 42:10—Yihowaan, Iyoob erga isaaniif kadhatee booda fayyaa isaa deebisee akka argatu godheera (w98-AM 5/1 ful. 31 key. 3)

    • Iyo 42:10-17—Yihowaan, Iyoob amantii waan argisiisee fi jabaatee waan dhaabateef guddaa isa eebbiseera (w94-AM 11/15 ful. 20 key. 19-20)

  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)

    • Iyo 38:4-7—“Urjoonni gara barii” eenyuun argisiisu? Waaʼee isaanii hoo maal beekna? (bh ful. 97 key. 3)

    • Iyo 42:3-5—Akka Iyoob, Waaqayyoon arguuf maal gochuu dandeenya? (w15 10/15 ful. 8 key. 16-17)

    • Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal na barsiisa?

    • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa qabxiin tajaajila irratti itti fayyadamuu dandaʼu isa kami?

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Iyo. 41:1-26

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

  • Ittiin Lixa Jiʼa Kanaa Qophaaʼi: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Ittiin lixa viidiyoodhaan qophaaʼe hunda taphachiisi; achiis yaada ijoo irratti mariʼadhaa. Moobaayilii isaanitti akkamitti fayyadamuu akka dandaʼan yommuu ibsitu “Karaawwan JW Library Fayyadamuun Itti Dandaʼamu” jedhu gabaabsii ibsi. Viidiyoo tajaajila irratti argisiisan hunda jiʼa jiʼaan akka gabaasan dhaggeeffattoota yaadachiisi. Ittiin lixa mataa isaanii akka qopheeffatan babalʼistoota jajjabeessi.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

  • Faarfannaa 23

  • JW Library Fayyadamaa Jirtaa?”: (Daq. 15) Mata duricha irratti daqiiqaa shaniif mariʼachuudhaan jalqabi. Achiis viidiyoo “JW Library” Fayyadamuu Jalqabaa jedhamu taphachiisiitii gabaabaatti irratti mariʼadhaa. Sana booda,viidiyoowwan Barreeffamoota Garagalfadhaatii Qindeeffadhaa, akkasumas Dubbisaaf akka Isiniif Taʼutti Sirreeffadhaa jedhanis taphachiisiitii irratti mariʼadhaa. Kutaan “Karaawwan JW Library Fayyadamuun Itti Dandaʼamujedhu torban Caamsaa 16 jalqabu dhihaachuu isaa dura, kan dandaʼan hundi moobaayilii isaanii irratti appilikeshinii JW Library akka feʼatanii fi barreeffamoota akka garagalfatan hunduma isaanii jajjabeessi.

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) ia boq. 4 key. 16-31, irra deebii ful. 47

  • Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban itti Aanuu (Daq. 3)

  • Faarfannaa 50 fi Kadhannaa