Warra Kaaniif Kadhachuun Yihowaa ni Gammachiisa
Yihowaan, Iyoob Eliifaaz, Biildaadii fi Zofaariif akka kadhatu irraa eega ture
-
Yihowaan, Eliifaaz, Biildaadii fi Zofaar gara Iyoob dhaqanii aarsaa gubamu akka dhiheessan isaan ajaje
-
Iyoob isaaniif kadhachuu qaba ture
-
Iyoob erga isaaniif kadhatee booda eebba argateera
Yihowaan, Iyoob amantii waan argisiisee fi jabaatee waan dhaabateef guddaa isa eebbiseera
-
Yihowaan, Iyoob rakkina irraa walaba akka taʼuu fi fayyaa isaa deebisee akka argatu godheera
-
Iyoob rakkina isa irra gaʼe hundaaf michootaa fi firoota isaa irraa jajjabina argateera
-
Yihowaan qabeenya Iyoob dhabee ture dachaa lama gochuudhaan isaaf deebiseera
-
Iyoobii fi haati manaa isaa dabalataan ijoollee kudhan godhataniiru
-
Iyoob sana booda waggaa 140 kan jiraate siʼa taʼu, hanga dhaloota afuriitti ijoollee ijoollee isaa argeera