AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Jaalalli . . . Jalʼinatti hin Gammadu”
Kiristiyaanonni dhugaan wanta raawwatan hunda irratti jaalalaan geggeeffamuuf carraaqqii godhu. Jaalalli “jalʼinatti hin gammadu.” (1Qo 13:4, 6) Kanaan kan kaʼes bohaartiiwwan halalummaa fi gara jabina jajjabeessan ni jibbina. Kana malees, warra nu miidhan dabalatee warra kaan irra wanti hamaan yeroo gahuu hin gammannu.—Fak 17:5.
VIIDIYOO WANTA JAALALLI GODHUU FI WANTA JAALALLI HIN GOONE YAADADHAA—JALʼINATTI HIN GAMMADU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Daawit Saaʼolii fi Yonaataan akka duʼan yeroo beeketti maal godhe?
-
Daawit Saaʼolii fi Yonaataaniif faaruu gaddaa akkamii qindeesse?
-
Daawit duʼa Saaʼolitti kan hin gammanne maaliif ture?