Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Jaalalli . . . Waan Hundumaa Abdata”

“Jaalalli . . . Waan Hundumaa Abdata”

Jaalala ofittummaa irraa walaba taʼeen kakaanee, obboloota keenyaaf wanta hunda irra wayyu ni haawwina. (1Qo 13:4, 7) Fakkeenyaaf, obboleessi tokko cubbuu raawwatee yoo adabni isaaf kenname, sirreeffama isaaf kenname ni fudhata jennee abdanna. Namoota amantiin isaanii laafaa taʼeef ni obsina, akkasumas isaan gargaaruuf carraaqqii goona. (Rom 15:1) Namni tokko gumii irraa yoo fagaate, yoom iyyuu hin deebiʼu jennee abdii hin kutannu.—Luq 15:17, 18.

VIIDIYOO WANTA JAALALLI GODHUU FI WANTA JAALALLI HIN GOONE YAADADHAA—WAAN HUNDUMAA ABDATA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Abneer nama amanamaa taʼuufii qabu ilaalchisee jijjiirama kan godhe maaliifi?

  • Daawit gaaffii Abneeriif deebii akkamii kenne? Yoʼaab hoo?

  • Obboloota keenyaaf wanta hunda irra wayyu hawwuu kan qabnu maaliifi?