Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jeequmsa Uummataa Dandamachuuf Qophooftaniittuu?

Jeequmsa Uummataa Dandamachuuf Qophooftaniittuu?

Yeroo xumurri sirna kanaa dhihaachaa deemutti, jeequmsi uummataa, shororkeessitummaanii fi waraanni akka dabalu ni eegna. (Mul 6:4) Rakkina gara fuulduraatti nu mudatuuf qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Karaa hafuuraa qophaaʼaa: Qajeelfamootaa fi seenaawwan Kitaaba Qulqulluu amanannaa Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irratti qabdan isiniif cimsan, akkasumas walaba taatanii jiraachuuf isin gargaaran sammuutti qabadhaa. (Fak 12:5; jr-E 125-126 key. 23-24) Obboloota gumii keessa jiranii wajjin yeroon michummaa cimaa itti uumtan ammadha.—1Ph 4:7, 8

  • Wanta jireenyaaf isin barbaachisu qopheeffadhaa: Mana keessan dhiistanii deemuu hin dandeessan yoo taʼe, wanta nageenya keessaniif barbaachisu qopheeffadhaa. Mana keessan dhiistanii deemuun yoo isin barbaachise maal akka gootan karoorfadhaa. Boorsaa miʼa itti qabattan keessa, wantoota of eeggannoo gochuuf isin gargaaranii fi maallaqa kaaʼuu keessan mirkaneeffadhaa. Jaarsolii gumii akkamitti akka qunnamtanii fi isaanis akkamitti akka isin qunnaman mirkaneeffadhaa.—Isa 32:2; g17.5 3-7

Yeroo jeequmsi kaʼu, sochii hafuuraa keessan addaan hin kuutinaa. (Flp. 1:10) Barbaachisaa yoo taʼe malee iddoo tokkoo gara kan biraatti hin deddeeminaa. (Mat 10:16) Nyaataa fi wantoota kan biroo warra kaaniif hiraa.—Rom 12:13

VIIDIYOO BALAADHAAF QOPHOOFTEETTAA? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Yeroo rakkinaatti Yihowaan akkamitti nu gargaaruu dandaʼa?

  • Qophii gochuuf tarkaanfii qabatamaa taʼe akkamii fudhachuu dandeenya?

  • Namoota balaadhaan hubaman kaan akkamitti gargaaruu dandeenya?