Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Haala Yeroo Ammaatti Jiru Tajaajila Keessan Irratti Fayyadamaa

Haala Yeroo Ammaatti Jiru Tajaajila Keessan Irratti Fayyadamaa

Yesuus tajaajila isaa irratti namoota barsiisuuf haala yeroo sana turetti fayyadameera. (Luq 13:1-5) Isinis xiyyeeffannaa namootaa ergaa Mootummichaatti harkisuuf haala yeroo ammaa jirutti fayyadamuu dandeessu. Waaʼee qaalaʼiinsa jireenyaa, balaa uumamaa, jeequmsa uummataa, qoricha sammuu hadoochuu fudhachuu ykn wantoota kana fakkaatan erga eertanii booda, gaaffii miira namaa hawwatu gaafadhaa. Akkas jettanii gaafachuu dandeessu: “ . . . gaaf tokko ni hafaa jettee yaaddaa?” ykn “. . .  furmaata kan qabu akka taʼe sitti dhagaʼamaa?” Achiis caqasa dhimmichaa wajjin walitti dhufeenya qabu tokko dubbisaafii. Namichi yoo fedhii argisiise, Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessaa viidiyoo ykn barreeffama tokko itti argisiisaa. Garaa namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiranii tuquuf yommuu yaallutti, ‘misiraachichaaf jennee waan hundumaa haa goonu.’—1Qo 9:22, 23.

Namoota naannoo tajaajilaa keessan keessa jiran wantoota akkamiitu isaan hawwata?