BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Fedhiiwwan Dogoggoraa Akka Si Toʼatan hin Heyyamin
Daawit fedhiin dogoggoraa garaa isaa keessatti akka guddatu heyyamee ture (2Sa 11:2-4; w21.06 17 key. 10)
Daawit balleessaa isaa dhoksuuf aangoo isaa karaa dogoggoraa fayyadameera (2Sa 11:5, 14, 15; w19.09 17 key. 15)
Daawit cubbuu raawwateen kan kaʼe miidhaa guddaan isa irra gaʼeera (2Sa 12:9-12; w18.06 17 key. 7)
Wantoota dogoggoraa ilaaluu ykn yaaduu irraa fagaachuuf of toʼachuun nu barbaachisa. (Gal 5:16, 22, 23) Yihowaan fedhiin dogoggoraa garaa keenya keessatti hidda akka gad hin fageeffanne nu gargaaruu dandaʼa.
AKKAS JEDHII OF GAAFADHU: ‘Caalaatti yaada koo toʼachuun kan na barbaachisu kallattii kamiini?’