Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Namoonni Yihowaa fi Yesuus Irratti Amantii Akka Qabaatan Gochuuf Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhamu Fayyadamaa

Namoonni Yihowaa fi Yesuus Irratti Amantii Akka Qabaatan Gochuuf Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhamu Fayyadamaa

Waaqayyoon gammachiisuuf barattoonni Kitaaba Qulqulluu amantii cimaa qabaachuu qabu. (Ibr 11:6) Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu fayyadamnee garaa isaanii tuquu ni dandeenya. Kitaabni qoʼannaa kun caqasoota murteessoo taʼan, ragaa ifa taʼe, gaaffiiwwan buʼa qabeeyyii taʼan, viidiyoowwan hojiidhaaf nama kakaasanii fi fakkiiwwan babbareedoo qabateera. Barattoonni amala Kiristiyaanaa akka horatanii fi Waaqayyoo wajjin hariiroo akka qabaatan gargaaruudhaan miʼoota ibidda dandamataniin isaan ijaaruu dandeenya.—1Qo 3:12-15.

Namoonni tokko tokko Waaqa ijaan arguu hin dandeenyetti michoomuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Kanaafuu Yihowaa akka beekanii fi akka isatti amanaman isaan gargaaruu qabna.

VIIDIYOO, KITAABA “BARA BARAAF GAMMACHUUDHAAN JIRAADHU!” JEDHAMUUN NAMOONNI YIHOWAA IRRATTI AMANTII AKKA QABAATAN GARGAARAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboleettiin tun qoʼannichaaf sirriitti akka qophoofte akkamitti beekna?

  • Barattuun ishii ilaalcha Isaayyaas 41:10 fi 13​f qabdu akka ibsitu gochuuf gaaffii dabalataa muraasatti kan fayyadamte akkamitti?

  • Viidiyoon sunii fi caqasoonni Kitaaba Qulqulluu barattuu kana irratti dhiibbaa akkamii godhan?

Namoonni hedduun furichi maal akka taʼe hin hubatan ykn kennaa Waaqayyo dhuunfaatti isaaniif kenne akka taʼetti hin ilaalan. (Gal 2:20) Kanaafuu aarsaa furii Yesuusitti akka amanan isaan gargaaruu qabna.

VIIDIYOO, KITAABA “BARA BARAAF GAMMACHUUDHAAN JIRAADHU!” JEDHAMUUN NAMOONNI YESUUS IRRATTI AMANTII AKKA QABAATAN GARGAARAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboleessi kun qoʼannichaaf sirriitti akka qophaaʼe akkamitti beekna?

  • Yaada “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhu jala jiru baraticha gargaaruuf kan fayyadame akkamitti?

  • Barattootaaf kadhachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?